Matthew 26:55 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san Yesuus gumi'iin, “Akka ani yakkaamessaa, goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille ana hin qanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni Yesoni gumiti dubbate waan jed'e, Maafi sheeftifi bokuuni d'uftani na qabdani, aka waan anini shifta tahe. Guyya ch'ufa anini Mana Waaqa keesa tae nama barsiise, ammo gaafasi na inqamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun Yesus gumiitti dubbatee, “Maaf goraadee fi bokuun dhuftanii na qabdan, akka waan anin saamtuu ta'ee. Guyyaa cufa anin mana Waaqaa keessa taa'ee nama barsiise, ammoo gaafas na hinqamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus gumi'iin akkana jedhe, «Akka nama shiftaa qabuu bokku'uu fi guraadee qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa ani guyya guyya'aan mana woyyuu keessa isin woliin taa'ee barsiisu, na hin qabne;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus gumi'iin akkana jedhe, «Akka nama shiftaa qabu'uuf bokku'uu fi guraadee qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa ani guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessa isin woliin taa'ee barsiisu, na hin qabne isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saa'aatii sanitti Yesus ummata achitti woligayaniin akkana ni jedhe, «Akka waan shifttaa qabddanii titti ana qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii, dhufittanii? Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti barsiisa'aa isin woliin uduu jiru, ana hin qabnneeyyu ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san Yesuus gumi'iin, «Akka ani yakkaamessaa, shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille na hin qanne.