Matthew 26:64 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaammessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan” isaan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isaan dubaatee, “Atuu ya jette. Ammoo waan anin isanitti himu, eegii ardhaa, ilma namaa ka harka mirgicha Waaqaa guddaa taa'ee, duumansa gubbaatiin gad deebi'u argitan” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette. Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, amma irraa jalqabee Ilmi Namaa harka mirga Rabbii hunna qabuu ka samii taa'u duumessaan hennaa deebi'ee dhufu hin argitan» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, amma irraa jalqabee Ilmi Namaa harka mirga Rabbii hunna qabuu ka samii taa'u duumessaanillee hennaa deebi'ee dhufu hin argitan» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Akkuma ati jette, garuu ammaa achitti Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitaniin, akkuma kana duumessa sami'ii keessan yoo dhufu, ni argitaniin isiniin jedha!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaamessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan» isaan jedhe.