Matthew 26:69 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Pheexroos ala moonaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, “Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!” jetteen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Petroni ch'icha dura tau, intalti hojattu qaallicha gudda toko d'ufte waan jetteeni, Atileeni Yeso Galilaya woliini jirta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phexros cichaa dura taa'uu, intaltii hojjattuu qaallicha guddaa tokko dhuftee, “Atilleen Yesus Galiilaa waliin jirta” jetteen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos manaan ala dallawa keessa taa'ee uduu jiru dubartiin hojjattuun takka gara isaa dhuftee, «Atillee Yesuusii Galiila'aa woliin turte!» jetteen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroos manaan ala dallawwa keessa taa'ee uduu jiru, Dubartiin hojjattuun takka gara isaa dhuftee, «Atillee Yesuusii Galiila'aa woliin turte!» jetteen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee mana duubanatti moonaa itti gaafatamaa qeesotaa keessa taa'ee jira ture, yeroo sanitti intaltti hojjattuu mana keessaa takka gara isaa dhiyaattee, «Ati'llee Yesusii nama biyya Galliila'aa woliin ni jirta turee!» isaan jette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Pheexroos ala badhinna dalleyaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, «Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!» jetteen.