Matthew 26:73 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, “Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi diqo toko taani, worri achi ejaanju Petroti d'ufe waan jed'eeni, Atini nama isaati, arabi kanketiyu inhima.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii diqqoo tokko taan, warrii achi ejaajju Phexrositti dhufee, “Atin nama isaati, arrabii keetiiyyuu inhimaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Diqqoo turanii worri achi dhaabataniiran gara Pheexroosii dhufanii, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa; ati dhugamaan nama gosa isaaniiti» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Diqqoo turanii worri achi dhaabataniiran gara Pheexroosii dhufanii, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, ati dhugamaan nama gosa isaaniiti» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo muraasaan duubatti namoonni achi dhaabatanii turan gara Phexirosii dhiyaatanii, «Haasofnni kee ni beekisisa, dhugamaanuu ati'llee isaan keessaa tokko» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko» jedhaneen.