Matthew 26:75 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, “Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta” jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee booye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni, waan Yesoni isaani jed'e, qaabate, Ato kormi lukuu iniyiini atini maro sadi na mormatta. Duuba inni alati bahe guddo bohe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros, jecha Yesus ka innii, “adoo kormii lukkuu hiniyyin atin marroo sadii na mormatta” jedheen kaan qaabatee, alatti ba'ee guddoo boo'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hin iyyin harka sadihii na waakkatta» jedhe qaabatee gara diidaa gad bayee akka malee mararamee booye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hin iyyin harka sadihii na waakkatta» jedhe qaabatee, gara diidaa gad bayee akka malee mararamee booye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee, «Lukkuun uduu hin iyyin, yeroo sadihii ana waakkata» jedhee, Yesus ka dubbate, ni yaadate. Gara alaa'llee bayeeti, fiqqifatee ni booye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, «Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee bowe.