Matthew 27:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, “Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini wolwoldeennaani, Pilatoni waan jed'e, Ana eennu gadi lakisu feetani, Yeso Baraba mo Yeso ka Kristo jed'ani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin walwaldeennaan, Philaaxos, “Anaa eennu gad lakkisu feetan, Barabbaa moo Yesus ka Kiristoo jedhan?” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan wal gayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan walgayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yeroo namoonni woligayanitti Phiilaaxos, «Eennuun akka isinii hiiku barbaadan? Barabbaaniin moo yookiin Masihicha ka jedhame Yesusiin?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe.