Matthew 27:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, “Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe” jettee ergaa itti ergite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Pilatoni barch'uma qorsuma ira tau, niitiini isaa nama isati ergite waan jetteeni, Nama woma iyakini suni woma intolchiini, anini eedda oobju keesa guddo maro isaatiifi gaargale jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Philaaxos barcumaa murtii irra taa'uu, niitiin isaa nama isatti ergitee, “Nama homaa hin yakkin sun homaa hintolchin, anin eda oobjuu keessa marroo isaatiif guddoo gaargalee” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru haati manaa isaa, «Waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu na irra gayeera; nama qajeelaa kana womaa hin godhin» jettee isatti ergite.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru, haati manaa isaa waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu narra gayeera. Nama qajeelaa kana womaa hin godhin jettee isatti ergite.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Philaaxos teessoo isaa ka murti'ii irra taa'ee uduma jiru haatii worraa isaa, «Waayee isaatiin halkan dabrre kana eebjju'uun baayi'ee makkaraaree jiraatii, nama qulqulluu san irratti womaayyuu hin raawwatin!» jechu'uun itti ni ergite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.