Matthew 27:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeeffamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi jaaroleeni biyya sosobde waan jette, Aka Pilatoni Baraba lakise Yeso ijeesu kad'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyya sosobdee, “Akka Philaaxos Barabbaa lakkisee Yesus ijjeesu kadhadhaa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif; Yesuusiin ammo akka ajjeessisaniif gumii shelatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif Yesuusiin ammoo akka ajjeessisaniif gumii shelatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin, «Barbbaan gad haa dhiifamu! Yesus haa ajjeefamu!» jedhanii, akka gaafataniif ummata wolii ni galchan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeefamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane.