Matthew 27:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni, “Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?” jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, “Inni fannifamuu ti!” jedhanee iyyanee hogisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Pilatoni waan jed'e, Inni maani yake? Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Mukhati fannisi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Philaaxos ammoo, “Innii maan yakke?” jedhe; isaan ammoo qoonqoo guddoon iyyanii, “Mukatti fannis!” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan, «wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i?» jedhe. Isaan ammo, «haa fannifamuu» jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaan wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i? jedhe. Isaan ammoo haa fannifamuu jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bulchaan'llee maaliif? «Balleessaan inni raawwate maal'i?» isaaniin jedhe. Isaan garuu, «Haa fannifamu!» jedha'aa, guddisanii ni iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane.