Matthew 27:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, “Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pilatoni aka dura deemitiini woma imbaane arginaani, ammalle aka loli d'ufu arginaani, bisaani fud'ate, harka biyya durati d'iqate waan jed'e, Anini d'iiga nama kana keesa injiru! Tunini huji teesani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Philaaxos akka dura deemtiin homaa hinbaane arginaan, ammallee akka lolii dhufu arginaan, bisaan fudhatee, biyya duratti harka dhiqatee, “Anin dhiiga nama kanaa keessa hinjiru! Tunin hujii teessan!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos booreessuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhatee, «Dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama» jedhee gumii afo'otti harka dhiqate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoos booressuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhateeti, dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama jedhee, gumii afo'otti harka ufii dhiqate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Phiilaaxos, wonitti kun jeeqama akka kaasuuf malee waan bira'aatiif akka hin fayyadinne yeroo argetti bishaan akka fidan taasisee, «Ani du'a nama kanaatii itti gaafatama'aa miti, itti gaafataminni keessan!» jedhee, ummata duranatti harka isaa ni miicate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe.