Matthew 27:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, “Mootii Yihudootaa, jiraadhu!” jedhaa itti taphatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba qoraati aka sure marani mata isaa ira kayani, ule harka isaa ka mirga keesa kayani, isa durati jilbifatani goyeesani waan jed'ani, Lubbuuni tante ha d'eeratuuti, Hayyu Yahudi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba qoraattii akka surree maranii mataa isaa irra kaa'anii, ulee harka isaa ka mirgaa keessa kaa'anii, isa duratti jilbifatanii gooyyeessanii, “Lubbuun tee ha dheerattuu, hayyuu Yihudii” jedhanii
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaalee qore'ee korbobboo maranii mataa isaa irra kaayan. Ulee harka mirgaatiin qabsiisanii, afoo isaatitti jilbiiffatanii, «Mootii Yihuudi'ii! nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa itti balda'aa,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaalee qoree irraa Korbobboo maranii mataa isaa irra kaayan. Ulee harka mirgaatiin qabsiisanii, afoo isaatitti jilbiiffatanii, «Mootii Yihuudi'ii, nageenni siif haata'u!» jedha'aa itti balda'aa,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gonfata qoree'llee maranii mataa isaa irratti ni kaayaniif, harka isaa ka mirgaa titti'llee ulee ooyya'aa ni qabachiisaniin, isa duranatti'llee jilbbiiffata'aa, «Yaa nugusa worra Yihudaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa, itti ni baliddan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane.