Matthew 27:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan barreeffama isa ittiin himatane, “Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus” ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mata isaa gararoti waan isa himataniifi t'aafani, Nami kunini Yeso, Hayyu Yahudi jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mat. aa isaa gararootti waan isa himataaniif barreessanii, “Namii kunin Yesus, hayyuu Yihudii” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan barreeffama ittiin isa himatan, «Yesuusiin kun mootii Yihuudi'iiti» jedhu mataa isaa gubbaa kaayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan barreeffama ittiin isa himatan, «Yesuusiin kun mootii Yihuudi'iiti» jedhu, mataa isaa gubbaa kaayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yakka ittiin himatame'llee ka muldhisu, «Kun nugusa worra Yihudotaa Yesus» barreeffama jedhu, mataajjii fannoo isaa gubbaa ni kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane.