Matthew 27:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Shifta lama isa woliini fannisani, toko gama mirga, kaani gama bita.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra saamtuu lamaan tokko isa waliin, tokko gama bitaatiin kaan ammoo gama mirgaatiin fannisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san shiftoonni lamaa tokko mirgaan, tokko bita'aan isa woliin fannifaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san shiftoonni lamaa tokko mirgaan, tokko bita'aan isa woliin fannifaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti'llee Yesusiin woliin shifttoota lamaa, tokko mirgaan tokko bitaa isaatiin, ni fannisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane.