Matthew 27:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uuti; nuutille isatti hin dhugeeffanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni biyya baase, ammo dandae ufi imbaasu! Inni Hayyu Israelitiyu? Yo inni ammatana maskali ira gadi bue, nu isa d'ugefanna!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Innii nama dhibii la baasee, ammoo ufi baasuu hin danda'u! Innii hayyuu Israa'eltiiyyuu? Yo innii ammaataana fannoo irraa gad bu'e, nu isaatti dhugeeffanna!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Inni kaawwan fayyiseera! uf fayyisuu hin danda'u! Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gad haa bu'uu; nullee itti amannaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Inni kaawwan fayyiseera; uf fayyisuu hin danda'u. Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gadi haa bu'uu; nullee itti amannaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoota kaanniin fayyisee jira, mataa isaa garuu fayyisu'uuf hin dandda'u! Inni nugusa Israa'eelii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa haa bu'uu, nu'llee isatti haa amannuu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uu ti; nuutille isatti hin dhugeeffanna.