Matthew 27:43 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni Waaqatti addatee, ‘Ani Ilma Waaqaati’ waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuuti” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Waaqa d'ugefate, Anini Ilma Waaqa ufiini jed'a. Yo akasi taate, aka amma Waaqi isa baasu fed'u ilaalu feena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii Waaqaa dhugeeffateetti, anin ilma Waaqaa ufiin jedha. Yo akkas taate, akka amma Waaqii isa baasuu fedhu laaluu feena” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu!» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni Waaqatti amanee jira, ‹ani Ilma Waaqaati› jedhee jira, kanaaf Waaqinni isa ka jaalatu eega taate, mee amma isa haa fayyisuun!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuu ti» jedhane.