Matthew 27:46 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf ana lakkitte?” jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Saa sagali geennaani, Yesoni qonqo guddooni iye waan jed'e, Eli, Eli, lama sabakthani? Akasi jechaani, Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maafi na lakifte? jecha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Saatii sagal geennaan, Yesus qoonqoo guddoon iyyee, “Elii, Elii, lama sabaktanii?” jedhee yaammate; akkas jechuun, “Waaqaa kiyya, Waaqaa kiyya, maaf na lakkifte?” jechuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Eloohee! Eloohee! lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya! Rabbii kiyya! maaf na dhiifte?» jechu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Elohee, Elohee, lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saa'aatii sagalii yoo ta'u Yesus, «Elohee! Elohee! Lamaa sabaqitaanii?» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye, hiikkaan isaa'llee, «Waaqaa kiyya! Waaqaa kiyya! Maali'iif ana dhiifitte?» jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara saatii sagaliititti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?» jechu'u.