Matthew 27:48 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi toko gara isaa utaale, waan aka bututu laaftu toko fuud'e, daad'i keesa kaye, hokoti fannise, isa dura qabe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii tokko gara isaa utaalee, waan akka bututtuu laaftuu tokko fuudhee, daadhii waynii dhangagooftuu tokko keessa kaa'ee, uleetti fannisee, isa dura qabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoma san isaan keessaa tokko fiigee dhufee carqii qaccee ule'eetitti hidhee dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaan isaatitti coccophu godhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yomasan isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaan isaatitti coccophu godhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti isaan keessaa tokko fiigee fuuttaa fuudhee waan dhangaggaayaa keessatti cuuphee, ulee ooyya'aa titti rarraasee Yesus akka dhuguuf ni dhiyeesseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.