Matthew 27:54 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, “Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gudda askartitiifi askartiini isa woliini jirjirtu lafa chochoteefi waan tahe ch'ufa arginaani, nahani waan jed'ani, Nami kunini d'uguma Ilma Waaqaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaa warra waraanaatii fi warrii waraanaa ka isa waliin jiru lafa chochotee fi waan ta'e cufa arginaan, nahaanii, “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan raafamaa fi sochii ta'e arganii, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.