Matthew 27:55 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni hedduti jira, ta fago waan kana daawatte, ta haga Galilaya Yeso gula yaate isa qarqaarte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen hedduun Galiilaa Yesus gula yaatee isa qarqaarte, ta fagoo waan kana laaltee jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni baayi'een'llee, achi ni turan, isaan'llee Galiila'aa jala qabanii Yesusiin tajaajila'aa ni horddofaniin worra turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu.