Matthew 27:60 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
awaala inni d'io qote keesa kaye. Jennaani d'akha gudda toko afaani awaalati gangalche biraa gale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
awwaala dhi'oo ufii qotate keessa kaa'e. Jennaan dhakaa guddaa tokko afaan awwaalatti gangalchee biraa gale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhagaa siida'aa irraa bocamee ka qophaaye awwaala mataa isaatiif qophaaye haarawa keessatti ni awwaaleen, kanaan duubatti dhagaa guddaa gangalchee, afaan awwaalaa cufeeti ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme.