Matthew 27:64 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‘Inni du'a keessaa ka'eera’ hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nama ergi, aka awaala suni haga guyya sadi jabeesani eegani, aka jari isaa d'aqe reefa Yeso hate, biyyaani, Isa ya duisa keesaa kaasani injenne. Kiyyibi eege kunini ka qarale ira hamaata jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf akka awwaala sun haga guyyaa sadii jabeessanii eegan nama ergi! Hegerii jarii isaa dhaqeetti reeffa Yesus hatee, biyyaan, ‘Isa ya du'aa kaasan’ jedhaa, kiyyibii eegee kunin hegerii ka qaraallee irra hammaataa” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii, gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji jedhaniin
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf barattoonni isaa dhaqanii akka hin hannee fi ummataan'llee, ‹kunoo, du'aa ka'ee jira› akka hin jenneef, awwaalli isaa haga guyyaa sadihii titti, akka eegamuuf ajaji, kana ta'uu yoo dhabaate dogoggorri maai'ii irraa, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‹Inni du'a keessaa ka'eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a» jedhaneen.