Matthew 27:66 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi kaani iti d'aabatani, d'akha awaala iti gangalchani kaani beesisa ira kayani, jabeesani askarti eeddu achiti lakisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf ka'anii itti dhaabatanii, dhakaa awwaalaa kaan beesisa irra ka'anii, akka warrii waraana jabeessee eegu achitti lakkisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf dhaqaniiti dhagaa afaan awwaalaa irra jiru chaapha'aan cufaniiti, awwaalicha lolttootaan ni eegisisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.