Matthew 28:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartiini taani hori fud'atte, waan tolcha jed'aniini tolchite. Yahudiini arrale dubbuma tana d'ageete d'ugefatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waraanaa kaan horii fudhatee, waan tolchaa jedhaniin tolche. Yihudiin arraallee dubbuma tana dhageettee dhugeeffatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee birrii fudhatanii akkuma isaan jedhan godhan. Dubbiin kun haga guyyaa adhaa Yihuudota eddu'utti hin odeeffama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee birrii fudhatanii akkuma isaan jedhan godhan. Dubbiin kun haga guyyaa adhaa Yihuudota eddu'utti odeeffama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf lolttoonni qarshii fudhatanii akkuma isaatti himame ni taasisan, wonitti kun'llee haga adhaa titti Yihudota biratti, babaldhatee ni dubbatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.