Matthew 28:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani maro tokotu lafti chochote, malaikaani Aabbo toko gubba gadi buute, d'akha gangalchite gubba teete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan yoma tokkoon laftii chochotee, ergamaan Aabboo tokko Waaqaa gubbaa gad bu'ee dhakaa gangalchee gubbaa taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote; inni dhufee dhagaa awwaala irraa gara galchee irra taa'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote. Innillee dhufee dhagaa awwaala irraa garagalchee irra taa'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo, dimmaa sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, maleeyikkaan Goofta'aa'llee sami'ii bu'ee, dhagaa awwaalli ittiin cufame gangalcheeti, irra ni taa'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e.