Matthew 3:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo ana caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini bisaaniini isani batisa, aka akasiini isani daba iraa deebiti garsiiftani; ammo nami faana tiyya d'ufu nara jaba; seemsa kope isaa anini qabachu himmalle. Inni Lubbu Qulqullofi ibidaani isani batisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka isan cubbuu irraa deebitan, anin bisaaniin isan cuupha; ka faana tiyya dhufu ammoo ka narra jiru, ka anin seemsaa kophee isaallee qabachuu hinmalle. Innii hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf bisaaniin isin cuupha; ka na maayessa dhufa'aaru ammo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu baadhachuun naa hin malu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo na caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti.