Matthew 3:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo deebisee, “Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma ana dhoogguu lakkisi” jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni waan jed'eeni, Amma ha taatu, kara kanaani waan Waaqi fed'u ch'ufa guunna. Jennaani Yohanani ee jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Amma hataatuu, karaa kanaan waan Waaqii fedhu cufaa guunnaa” jedhe. Jennaan Yoh. aannis “Eejedhe” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu, «Hujii qulqullaayomaa mara karaa kanaan raawwachuun waan nurraa maluuf, amma dhiis, akkuma kana haa taa'u» jechu'uun ni deebiseef. Yohaannis'llee dhimmichatti wolii galee Yesusiin ni cuupheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma na dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.