Matthew 3:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani woya rifeensa gaala uyifate, gurda goga hid'ate, awaanisafi damma nyaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannis wayaa rifeensa gaalaa irraa midhaasan uyyifatee, gurdaa gogaa hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaa awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaallee awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uffanni Yohaannisii'llee rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi daamma daamu'uu ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.