Matthew 3:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan keenna Abrahaam jedhiisi isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani keenna Abrahamu ufiini injed'ina, wonti akanatiifi Waaqi d'akhaaye tana keesa ilmaani Abrahamu yaasu dandaa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
‘Abbaan keenna Abrahaam’ jettanii waan jalaa baatan ufii hinse'inaa, Waaqii dhakaayyee tana keessaa ilmaan Abrahaam yaasuu danda'aa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhagaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhakaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹Nu'u ijoollee Abrahaamiiti› jechu'uun, waan jalaa baatan isinitti hin fakkaatin, Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasu'uufii ni danda'a, isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
‹Abbaan keenna Abrahaam› jedhiis isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.