Matthew 4:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili’ jedha” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, na biraa deemi, Sheet'ana t'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi isuma ch'alla hojad'u!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Sheexana na biraa deem! Barreessiin ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagadii, isuma callaa Waaqeffadhi!’ jettii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili› jedha» jedheen.