Matthew 4:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahom keessa le'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nazareti bahe d'aqe Kapernaumu tae, d'aatu galaana, lafa Zabulonifi Naftali keesa,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Naazireetii ba'ee Qifirnaahom dhaqee dhaattuu galaanaa lafa Zebuloonii fi Niftaalem keessa taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachaa Naazireetii gad dhiisee Zaabiloonii fi Niftaalemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qachaa Naazireetii gadhiisee Zaabiloonii fi Niftaaleemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Magaalaa Naazireetii'llee dhiisee, konyaa Zaabiloonii fi Niftaalemiitiin, garba ciisaa Galiila'aa biratti gara ka argamittuu gara magaalaa Qifirnaahoomii dhufee, ni jiraate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahoom keessa le'e.