Matthew 4:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite. worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf, ifi ife” jedhe akka muummottuuf tun teete.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii dukana keessa taa'uu ya ibsee guddoo arge; warra gandidduu du'aa keessa tataa'uu ibseen ya itti mullatte” jettu guutamtuuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaaddidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaadidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ummanni dukkana keessa jiraatu, ifa ol aanaa ni arge, arddii gaaddisa du'aa itti buuse worra jiraataniif'llee, ifin ni bayeef.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite. Worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf, ifi ife» jedhe akka muummottuuf tun teete.