Matthew 4:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurximmi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya'atti afanuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni d'aatu galaana Galilaya deemu, oboleyaani lama, Simoni ka Petro jed'aniifi Andarea oboleesa isaa, ka t'urura qurt'umi galaana keesa darbani arge; worri guurtu qurt'umiiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, obbooleeyyan lama, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas ka xuruuraa qurxummii gaalana keessatti darbachuutti jiru arge; warrii guurtuu qurxummiiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu qarqara galaana Galiila'aatiin lufa'aaru obboleeyyan lamaan Simoonii Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas, obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qabu turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qarqara galaana Galiila'aatiin uduu lufa'aaru obboleeyyan lamaan, Simoonii ka Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yeroo dabrru qurxummii qabddoota ka turan obboleeyyan lamaan, isaan'llee Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa titti yoo darbbatan ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya'atti afanuun dhagge.