Matthew 4:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni arti deemnaani oboleyaani lama, Yakobofi Yohana ilmaani Zebedayo, hobolo keesa abba isaani Zebedayo woliini tataani arge, yaame;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus artii deemnaan ilmaan Zabdewos ta obbooleeyyanii lamaan, Yaaqoobii fi Yoh. aannis ka abbaa isanii Zabdewos waliin hoboloo keessa tataanii xuruuraa isannii midhaaffatan argee yaamee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan uduu yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo midhaaffatan argee isaan waame;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin, ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo uduu midhaaffatan argee, isaan waame;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achi bira'llee dabrree, ijoollee Zebdiwoosii ka ta'an kuunniin obboleeyyan lamaan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin ni arge. Isaan'llee abbaa isaanii Zebdiwoosiin woliin hoboloo irra ta'anii, tabbaarrii isaanii suppha'aa uduma jiran, isaan ni waame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame;