Matthew 4:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf gurrii isaa lafa Sooriyaa cufa ga'ee, nama fayyadhaabee gaargale ka dhukkuba gosa gosaa qabu, ka jinnii qabu, ka gaggabduu qabuu fi ka naafateellee cufa ittiin dhufnaanii warra cufa fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan; Yesuus isaan fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maqaan isaa'llee biyya Soriya'aa mara keessatti waan dhagayameef, namoonni worra dhukkubaa fi dhibee adda addaatiin makkaraaran, worra hafuuronni battiiwwan irra bulan, dhukkuba gaggabdo'oo worra qabanii fi naafota mara'llee gara isaa ni fidan, inni'llee isaan ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise.