Matthew 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, “Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sheet'ani d'ufe waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, d'akha kanaani, Qit'a tahi jed'i.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan sheexanii dhufee, “Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, dhakaa kanaan, ‘Qixxaa ta'i’ jedhi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa ataabtichi gara isaa dhufee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qormmaataan gara Yesusii dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate mee, dhagaayyii kanniin buddeena akka ta'aniif ajaji!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe.