Matthew 4:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, ‘Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, ergantoota ifii hin erga’ waan jedhuuf, Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, arma ufi gadi d'iisi, wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Inni malaika ufi sii baasa, isiini harka isitiini oli si qabdi, aka d'akhaani miila kanke ind'oomne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, arma irraa gad ufi dhiis, waan barreessiin, ‘Waaqii ergamtoota ufii sii erga, warrii akka dhakaan miila kankee hindhoomne harka ufiitiin ol si qaba’ jettuuf” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barreeffamni Woyyuun, ‹lutti tee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii ajaja› «Ati yoo Ilma Rabbii taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barreeffamin Woyyuun, lutti Kee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii erga «Ati Ilma Rabbii yoo taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Miilli kee dhaga'aan akka hin gufanneef, ‹harka isaaniitiin akka si irkisan, maleyikkoota isaa siif ni ajaja› jedhamee barreeffamee jiraatii, Ilma Waaqaa yoo taate, asii irraa gara gadii mataa kee darbbi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barreeffam Woyyichi, «‹Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, ergantoota ifii hin erga› waan jedhuuf, Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi» jedheen.