Matthew 5:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana keesani hojja beeni isani arabse gaargalche, maro tiyyaafi d'araani isani himate waan hamtu ch'ufa isaniini jed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo namii marroo tiyyaaf dharaan isan arrabsee, himatee, isan gaargalechee, waan hamtuu cufa isaniin jedhee, isan ya badhaatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo sobaan waan hamaa maraa isin irratti odeessan, isin worra eebbifame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo dharaan maqaa isin balleessan isin worra eebbifame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Sababa kiyyaan namoonni yoo isin arrabssanii fi yoo isin ari'an, sobaan'llee maqaa keessan yoo balleessan gammadaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a.