Matthew 5:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti dabalee, “Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kurawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani soodda lafaati. Ammo yo sooddi bushae, maaniini kura iti deebisani? Waan tokole himmalle, yo alati gagatani miilaani ira ejaanjatani male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammalle, “Isan soodda lafaati, soodda yo innii bushaa'e, yo alaatti gadgatanii miilaan irra ejaajjatan malee, maaniin kura itti deebisan? Waan tokkoollee wa hinba'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin akka sooqidda lafaati; Sooqiddi yoo mi'aa sooqiddummaa ufii dhabe maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee womaafuu bu'aa hin qabu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin akka sooqidda lafaa ti. Sooqiddi mi'aa sooqiddummaa ufii yoo dhabe, maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee, womaafuu bu'aa hin qabu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin akka sooqidda arddi'iit, garuu sooqiddi mi'aa isaa yoo dhabe, mi'aa isaa deebisee argachu'uuf ni danda'aa ree?» Gara alaa titti gatamu'uu fi miila namaatiin dhidhiitamu'uun alatti, ufi durana womaafuu hin fayyadu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.