Matthew 5:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nami seera didaqa kana toko ch'abse ammalle akasuma namale barsiise, Finna gubbaa keesati maand'a taha. Ammo nami Seera guute akasuma namale barsiise, Finna gubbaa keesati angafa taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf namii seera didiqqaa kana tokko caphsee ammallee akkasuma namaallee barsiisee, mootummaa Waaqaa keessatti maandhaa ta'a. Namii ammoo seera guutee, akkasuma namaallee barsiise, mootummaa Waaqaa keessaalleetti hangafa ta'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu ka seera kanniin maraa keessa ka irra diqqa'aa tokkottiillee diigu, akka diiganillee ka namoota barsiisu, jeennata sami'ii keessatti nama maraa irraa diqqa'a jedhama. Namni seera kana eeguu fi akka eegan ka barsiisu ammo jeennata sami'ii keessatti gudda'a jedhama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu seera kanniin maraa keessa ka irra diqqa'aa tokkottiillee ka diigu, akka diiganillee ka namoota barsiisu, jeennata sami'ii keessatti nama maraa irraa diqqa'a jedhama. Namni seera kana eeguu fi akka eegan ka barsiisu ammoo, jeennata sami'ii keessatti gudda'a jedhama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf ajajoota kanniin keessaa gad aanaa ka taate takkattimaa ka diiguu fi namoonni kuunniin'llee akkuma kana akka raawwataniif naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti gad aanaa ni ta'a. Garuu ajajoota maraa ka raawwatuu fi namoonni kuunniin'llee akka raawwatan naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.