Matthew 5:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini isaniini jed'u, Yo d'ugaani teesani ta jara Seera beekhufi Farisayo ira injirre, dandeetani Finna gubba inargattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanitti himaa, yo qajeelummaan teessan ta jara seera beekuutii fi ta Fariisotaa irra hinjirree, dandeettanii mootummaa Waaqaa hinargattan” jedeen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe.