Matthew 5:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“‘Hin ijjeesin; nami nama ijjeesse mura'aaf dhikaata’ jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yayu d'ageettani aka worra duritiini, Nama inijeesiina; nami nama ijeesu ch'ufti qorsuma male jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Akka warra duriitiin ‘Nama hinijjeesinaa, nama nama ijjeesu cufaa fuula warra wa muruu duratti itti muran’ jedhan, ya dhageettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra duraatiin, « ‹Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota murti'ii afo'otti itti murama› ka jedhame dhageettaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra duraatiin, « ‹Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota murti'ii afo'otti itti murama› ka jedhame dhageettaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yeroo duraanii namoota ni jiran turaniif waan jedhamee dhageettanii jirttan, kun'llee, ‹hin ajjeesin, nama ka ajjeese itti ni murtteeffama› ka jedhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «‹Hin ijjeesin; nami nama ijjeese mura'aaf dhikaata› jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan.