Matthew 5:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, “Gowwa'a!” yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‘Daallee!’ yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan anini amma isaniini jed'u, Nami oboleesa ufiti dalanu qorsuma argachu male. Nama oboleesa ufi arabsu kora iti baasu malani; ammalle nama oboleesa ufi tuffate, Daalle daba jed'uuni, ibida keesa buusu malani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan anin amma isanitti himuu, namii obbooleessa ufiitti dallanu murtii argachuu male. Nama obbooleessa ufii arrabsu, kora itti baasuu malan; ammallee nama obbooleessa ufii tuffatee, ‘Daallee dabaa!’ jedhuun, ibidda qilee ka barabaraa keessa buusuu malan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo akkana isiniiniin jedha; eennullee yoo obboleessa yookaan obboleettii ufiititti mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni yoo obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» jedhe yaa'itu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo akkana isiniiniin jedha, eennullee obboleessa yookiin obboleettii ufiititti yoo mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» yoo jedhe yaa'iitu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Gowwa'a!› yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Daallee!› yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata.