Matthew 5:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana worra aka garaa keesa hiyyeeyi ufi beekhu: Finni Waaqa ka worraati!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Warri akka jireenna afuuraatiin hiyyeeyyii ta'an garaa keessatti ufi beeku warra badhaadhe; mootummaan Waaqaa ta warraatii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!