Matthew 5:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujachiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle yo harki kanke mirgichi si wollaalchise, ufira kuti, gati! Yo atini harka toko d'abde ira sii jirti, fulla nafa kanke ch'ufa ibida keesa buusani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee yo harkii kankee mirgichii si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa nafa kankee cufaa ibidda keessa buusan, yo harka tokko dhabde irra sii jirtii” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo harki kee ka mirgaa cubbuu si hojjachiise uf irraa murii gati; ka nafti kee guutuun gara asaabaa gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harki kee ka mirgaa yoo cubbuu si hojjachiise ufirraa murii gati; Nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Harki kee ka mirgaa sababaa cubbu'uu yoo sitti ta'e, murii gatiin! Qaaminni kee marri gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra qaama kee keessaa kutaa tokko uduu dhabiddee, si woyya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujisiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya» jedhe.