Matthew 5:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle Yesuus, “ ‘Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti’ jedhameeraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle duri waan jed'ani, Nami niiti ufi lakisu fed'u ha tatabe lakisaniini kutufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammallee durii, ‘Namii niitii ufii lakkisuu fedhu ha waraqata lakkisuun kennuufii’ ya jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Yesuus akkana jedhe, ‹Namni haadha manaa ufii hiiku maruu, barreeffama isii hiikuu isaa ibsu haa kennuufii› jedhameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ammallee Yesuus, ‹Namni haadha manaa ufii hiiku maruu, barreeffama isii hiikuu isaa ibsu haa kennuufii› jedhameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu, ragaa hiikkamuu isi'ii muldhisu haa kennuuf!» jedhamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle Yesuus, « ‹Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti› jedhameeraayyu.