Matthew 5:32 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan anini isaniini jed'u, Nami niiti ufi ta d'iira d'ibi imbaranne lakise ya daba keesa isi seensise; nami isi fuud'uleeni daba tolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan ammoo anin isanitti himuu, namii niitii ufii ta dhiira dhibii hinbaraatin lakkise, ya cubbuu keessa isii seensise; namii isii fuudhuulleen ya cubbuu hojjate” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, ka haadha manaa ufii hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, haadha manaa ufii ka hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhu maruu hin seebara.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu, «Waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu akka sagaagalttu isii taasisaan, ka ta hiikamitte fuudhu marri'llee sagaagalaa ni ta'a» isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.