Matthew 5:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubbiin teessan ‘Ee’ yoo teete ‘Ee’, yookiin ‘Waawwoo’ yoo teete ‘Waawwoo’ teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti isani jettani ch'ufti ha Eetiifi Hiyyo ch'allaa taatu, ta tana ira Sheet'ana keesaa baati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii isan jettan cuftii ha ‘Ee'eetii-hiyyootii’ callaa taatuu, wantii tana irraa gore waan sheexana keessaa ba'aat” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin keessan yoo dhugaa ta'e ‹Ee› yoo soba ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanaan alaa garuu hammeenna irraa dhufa» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo dubbiin keessan dhugaa yoo ta'e ‹Ee› soba yoo ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanarra caale hammeenna irraa dhufa» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf haasofnni keessan, «Ee» yoo ta'e «Ee» yookiin «Miti» yoo ta'e «Mitii» haa ta'u. Kana irraa dubbiin hafe garuu, sheexana irraayyi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbiin teessan ‹Ee› yoo teete ‹Ee›, yookiin ‹Waawwoo› yoo teete ‹Waawwoo› teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte» jedhe.