Matthew 5:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“‘Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif’ akka jedhame isin dhageettaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duri, ya d'ageettani, waan jed'ani, Nama ila nama basse, ila isaale ha bassani; ka ilkaani nama ch'abse, ka isaale ha ch'absani jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Akka durii ‘Nama ila namaa basse, ila isaallee ha baassanii; ka ilkaan nama cabse, ka isaallee ha cabsanii’ jedhan ya dhageettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
« ‹Ijji ijaaf; ilkaan ilkaaniif› akka jedhame isinuu dhageettaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
« ‹Ijji, ijaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isinuu dhageettaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ijji waayee isaatiif, ‹ilkaan'llee waayee ilkaaniitiif› akka jedhame, dhageettanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «‹Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isin dhageettaneertan.