Matthew 5:43 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “ ‘Ollaa keeti jaalladhu, diinota keeti jibbi’ akka jedhame dhageettaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duri, ya d'ageettani, waan jed'ani, Oboleesa kanke jaalad'u, nyaapa kanke jibbi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammallee akka durii, ‘Obbooleessa kankee jaaladhuu, nyaapha kankee jibbi!’ Jedhan ya dhageettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Yesuus akkana jedhe, « ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina kee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
« ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina keellee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, « ‹Waahela kee jaaladhu, diina kee jibbi!› akka jedhame, dhageettanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan.