Matthew 5:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaalladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan anini isaniini jed'u, Nyaapa keesani jaalad'a, nama isani gaargalchu Waaqa kad'ad'a,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan anin ammoo amma isanitti himuu, akka ilmaan Abbaa keessan ka gubbaa jiru taatan, nyaapha keessan jaaladhaa Nama isan gaargalchuu Waaqaa kadhadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo akkana isiniin jedha, «Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee Rabbiin kadhadhaa'a; yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatan; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo akkana isiniin jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee faateffadhaa'a. Yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatani; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu diinota keessan jaaladhaa, worra isiin abaaran eebbisaa, worra isin jibbaniif waan mishaa taasisaa, hamaa worra isin irratti raawwatanii fi worra isin ari'aniif'llee kadhadhaa!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a.